Barsiisa Kristaanaa (Kateekismoos) Isa Xiqqaa

Qopheessaan: Dr. Maartiin Luuter

Cubbuu Himachuu

Cubbuu Himachuu

Kristaanonni cubbuu attamitti himachuu akka qaban

Cubbuu himachuun maali?

Cubbuu himachuun kutaa lama qaba. Inni duraa, cubbuu keenya himachuu, fi inni lammaffaan immoo araara fudhachuu dha; kun dhiifama, akkuma waan Waaqayyo ofii Isaa irraa fudhannuutti, shakkii malee luba irraa fudhachuu dha; kanas Waaqayyo duratti, waaqa irratti, cubbuun keenya akka nuuf dhiifame cimsinee amanuu dha.

Cubbuu isa kamiin himanna?

Waaqayyo duratti yakka keenya hundumaa, isa utuu hin beekin hojjennes himachuu qabna, kunis akkuma isa Kadhata Gooftaan barsiise keessatti dhi’eeffannuutti. Garuu luba duratti cubbuu nuyi himannu isa beeknuu fi isa yaada keenya keessatti nutti dhaga’amuu dha.

Isaan kun kami?

Abboommiiwwan kurnan keessatti, jireenya amma jiraataa jirtu ilaali: ati amma abbaa, haadhaa, ilma, intala durbaa, abbaa manaa, haadha manaa moo yookiis hojjetaa (hojjettuu) dha? Abboomamuu diddee, amanamuu dhabdee, yookiis dhiboofteetta laataa? Funyee (nama dafee aaru), safu-hin beeknee, yookiis nama biraa wajjin kan wal-loluu dhaa? Jechaa fi hojiidhaan nama miiteettaa? Hattuu, nama nama tuffatu, nama waan tokko balleessu, yookaan miidhaa biraa kan geessisu turtee?

Akkaataa Gabaabaa ittiin Cubbuu Himatan

[Maartiin Luuter Kristaanoonni bara isaatii akkaataa ittiin dhuunfaatti cubbuu himatan akka fakkeenyaatti akka kanatti fufee jirutti kaa’eera. Yeroo ammaattiakkaataa itti dhuunfaadhaan cubbuu ofii himataniif Kitaaba Sirna Sagaddaa Luuteraanii ff. 292-93 ilaaluun in danda’ama.

Inni cubbuu himatu akkas haa jedhu

Luba jaallatama, yaa isa cubbuun itti himatamuu, cubbuu ani sitti himadhu akka na dhaggeeffattuu fi fedhiin Waaqayyoo akka raawwatamuuf dhiifama cubuu kootii akka ana beeksiftu garaa cabeen sin gaafadha.

Ani, cubbamaa gadadamaan, cubbuu koo hundumaatti balleessaa ta’uun natti dhaga’amee Waaqayyoon duratti nan kadhadha. Addumaan immoo akka hojjetaa/hojjettuu tokkootti cubbuun ani himadhu, hoojechiissaa koo amanamummaatiin waan ani hin tajaajillef gaddi natti dhaga’ama. Sababiin isaa ani asiinis achiinis waan natti himame hin hojjenne. Ani isa aarsee akka inni na abaaru taasiseera. Ani kan hojjechuun na irra jiru hojjechuu dhiisee badii baay’een akka ta’u godheera. Jechaa fi gochaa kootiinis isa mufachiiseera. Hiriyyoota koo waliin wal lolaan ture. Haadha warraa mana kanaa irratti guungumee ishee nan abaare. Ani balleessaa kana hundumaaf nan gadda; dhiifamas nan kadhadha. Kanaan booda of fooyyeessuun barbaada.

Abbaan warraa yookiin haati warraa manichaa akkana jechuu danda’u:

Addumaan ani si fulduratti cubbuu ani himadhu, ani amanamummaadhaan ijoollee koo, hojjetoota koo fi haadha manaa koo akka ulfina Waaqayyoof ta’utti qajeelfama hin laanneef. Nama abaareera. Ani jechootaa fi gochaawwan gaarii hin taaneen fakkeenya gadhee ta’eera. Ani nama miidheera, hammeenya isaas dubbadheera. Ani gatii darbaa nama kaffalchiiseera, mi’a gaarii hin taanes gurgureera, gatii gadi aanaas namaaf kenneera.

(Namni yaada garaa isaa geddaratu sun gochaa abboommii Waaqayyoon mormuu fi eenyummaa ofii isaa wajjin wal faallessu hundumaa haa himatu.)

Garuu yoo namni tokko cubbuu kana yookiin kana irra caalu akka godhe itti hin dhaga’amu ta’e, cubbuu himatu barbaaduutti yookiin waan hin jirre uumuutti dhiphachuu hin qabu. Cubbuu himachuus akka dhiphinaatti lakkaa’uu hin qabu. Qooda kanaa, cubbuu of irratti beeku tokko yookiin lama himuu qaba: addumaan cubbuu ani himadhu ani nama abaareera, ani jechoota gaarii hin taane fayyadameera, kan hojjechuun ana irra jiru hojjechuu dhiiseera, kkf. Kun ga’aa dha.

Yoo cubbuu tokko iyyuu of irratti hin beektu ta’e garuu (namni akkasii illee waan jiru hin fakkaatu), addumaan kan ifatti baaftee himtu yoo hin qabaatne, cubbuudhuma walii-galatti jiran himadhuutii dhiifamuu cubbuu Luba irraa fudhadhu.

Itti aansee Lubni akkana jedha:

Waaqayyo araara sitti haa argisiisu; amantii kees haa jabeessu. Ameen.

Itti dabalees:

Dhiifamuu cubbuu ani sitti himu kan Waaqayyoo ta’uu isa in amantaa? Eyyee, Luba jaallatama.

Itti aansee inni akkas haa jedhu:

Akkuma amantii kee siif haa ta’u. Ani, abboommii Gooftaa keenyaa Yesus Kristosiin, maqaa Abbaatti, kan Ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluutti, dhiifamuu cubbuu kee sitti nan hima. Ameen. Nagaadhaan dhaqi!

Lubni kutaa Macaafa Qulqulluu dabalataan dubbisee ittiin warra ba’aan cubbuu yaada isaaniitti ulfaatu yookiin gaddaa fi yaaddoo ulfaataa keessa kan jiran jajjabeessuu fi amantii isaaniitti isaan cimsuun isa irraa barbaadama.

Akkaataan cubbuu himachuu olitti kaa’ame kun akka qajeelfama walii-galaa qofaaf kan fayyaduu dha.

Aboon Furtuuwwanii maali?

Aboon furtuuwwanii aangoo addaa Kristos waldaan kiristaanaa Isaa cubbamoota warra cubbuu isaanitti gaabbanii yaada garaa geddarataniif dhiifamuu cubbuu akka kennituuf, warra cubbuu isaaniitti hin gaabbine, yaada gara isaaniis geddarachuu hin barbaanneef immoo dhiifamuu cubbuu isaanii akka qabdee tursituuf kan Inni lafa irratti kenneefii dha.

Kun eessatti barreeffame?

Kun Yohannis qulqulluun Wangeela isaa boqonnaa digdama keessatti kan Yesus Gooftaan bartoota Isaatti dubbate barreesseera: “Kana jechaa hafuura isaanitti baafatee, ‘Hafuura Qulqulluu fudhadhaa. Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhamaniiru’ isaaniin jedhe” (Yohannis 20:22-23).

Akka dubbii kanaatti maal amanta?*

Tajaajiltoonni Kristos warri Waaqayyo hojii Isaatti waame akka Waaqayyo abboometti nu geggeessan, addumaan immoo yommuu isaan warra cubbuu isaanii irraa hin deebine, yaada garaa isaaniis geddarachuu hin barbaanne waldaa kristaanaa irraa haala ifa ta’een adda baasanii, warra cubbuu isaanii irraa deebi’anii yaada garaa isaanii geddaratan immoo dhiifamuu cubbuu taasisuufiidhaan akka hiikan nan amana. Gochaan isaanii kun akkuma waan Kristos Gooftaan keenya jaallatamaan ofii Isaatii hojjetetti kan ilaalamu ta’uun isaa mirkanaa’aa fi dhugaa dha. Kun immoo biyya lafaa irratti qofa utuu hin ta’in waaqa irrattis dhugaa dha.

*Gaaffiin kun tarii Luuteriin hin barreeffamne, garuu barsiisa isaa calaqqisiisa, barunsa isaa keessatti kateekitmoos isa gulaalame keessa galfame.