Barsiisa Kristaanaa (Kateekismoos) Isa Xiqqaa

Qopheessaan: Dr. Maartiin Luuter

Kadhata Guyyaa Guyyaattii

Kadhata Guyyaa Guyyaattii

Akkaataa itti geggeessaan maatii, miseensota maatii isaa ganamaa fi galgala kadhachuu barsiisuu qabu

Kadhata Ganamaa

Ganama yeroo hirribaa dammaqxu, mallattoo fannoo qulqulluu harkka keetiin adda kee yookiis laphee kee irratti godhadhuutii, akkana jedhi:

Maqaa Abbaatti, kan † Ilmaatti kan Hafuura Qulqulluuttiis. Ameen.

Kanatti aansuudhaan, jilbeenfachuudhaan yookiis dhaabachuudhaan, dhuga-ba’umsa amantii kristaanaa fi kadhata Gooftaa jechuudhaan kadhata geggeessaa. Yoo barbaadde immoo, kadhata gabaabaa kana kadhachuu in dandeessa.

Waaqa irra kan jiraattu Abbaa keenya, halkan kana wanta hamaa fi balaa hundumaa irraa waan na eegdeef maqaa Yesus Kristos Ilma Kee Isa jaallatamaatiin Sin galateeffadha. Har’as cubbuu fi waan hamaa hundumaa irraa akka na eegduuf sin kadhadha. Wanti ani hojjedhuu fi jireenyi koo Si haa gammachiisu. Ofii koo, qaama koo, lubbuu koo fi waan hundumaa koo dabarseen harka Keetti kennadha. Qulqulloonni ergamoonni Kee anaa wajjin haa ta’an; wanti hamaan ana irratti humna hin qabaatin. Ameen.

Kana booda gammachuudhaan gara hojii keetii adeemi; faarfannaa kan akka abboommiiwwan kurnanii, yookiis yaaduma kadhataa siif dhufeen kan wal-simufaarfachaa adeemuu dandeessa.

Kadhata Galgalaa

Galgala yeroo hirribaaf gara siree deemtu, mallattoo faanoo godhadhuutii akkana jedhi:

Maqaa Abbaatti, kan † Ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluutti. Ameen.

Kanatti aansuudhaan, jilbeenfachuudhaan yookiis dhaabachuudhaan, dhuga-ba’umsa amantii kristaanaa fi kadhata Gooftaa jedhuudhaan kadhata geggeessaa. Yoo barbaadde immoo, kadhata gabaabaa akkana jechuun kadhachuu in dandeessa.

Waaqa irra kan jiraattu Abbaa keenyaa, guyyaa kana ayyaana keetiin waan na eegdeef maqaa Yesus Kristos Ilma Kee Isa jaallatamaatiin Sin galateeffadha. Irra daddarbaa ani hojjedhe hundumaa fi cubbuu koo akka naaf dhiistuuf Sin kadhadha.Halkan kanas ayyaana Keetiin na eegi. Namummaa koo, qaama koo, lubbuu koo, waan hundumaa koo dabarseen harka Keetti kenna dha. Qulqulloonni ergamoonni Kee anaa wajjin haa ta’an. Wanti hamaan ana irratti humna hin qabaatin. Ameen.

Kana booda gammachuudhaaan gara hirriba keetii dhaqi.

Geggeessaan maatii akkaataa Kadhannaa Maadii yookiis Gabatee maatii isaa Barsiisuu qaba.

Maadii Eebbisuu (Kadhanaa Maadii yookiis Gabatee irratti Goodhamuu)

Ijoollotaa fi miseensoti maatii sanaa gara maaddii (gabateetti) nyaataaf yommuu dhihaatan, kabajaan harka isaanii dachaafachuudhaan akkana haa jedhan:

“Iji hundinuu abdiidhaan si eeggata, [Yaa Gooftaa] Atis soora isaanii yeroo ta’utti isaaniif in laatta. Ati harka Kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita” (Faarfannaa 145:15-16).

Itti fufuudhaan Kadhata Gooftaa fi kanatti fufee kan jiru jechuun in danda’ama:

Waaqayyo Gooftaa, Abbaa waaqa irraa, nuyii fi kennaa Kee isa arjummaa fi gaarummaa Keetiin nuuf kennite kana nuuf eebbisi; maqaa Ilma Kee Yesus Kristos Gooftaa keenyaan. Ameen.

Kadhannaa Galataa (Galateeffachuu)

Akkasumas, nyaata booda, akkuma isa duraatti harka isaanii dachaafatanii kabajaan akkana haa jedhan:

“Waaqayyo gaarii waan ta’eef, Isaaf galata galchaa! Gaarummaan Isaa bara baraan in jiraata. Inni foon kan uffate hundumaa in soora. Inni horiidhaaf nyaata isaanii in kenna, ilmaan qurruus yeroo iyyanitti isaan in soora. Inni jabina fardaatti hin gammadu, miillaan fiiguun namaas Isatti hin tolu. Warri Waaqayyoon sodaatanii gaarummaa Isaas abdiidhaan eeggatan garuu Isatti in tolu” (Faarfannaa 136:1, 25; 147:9-11).

Itti aansaniis kadhata Gooftaa fi isa kanatti fufee jiru in kadhatu:

Yaa Waaqayyo Gooftaa, Abbaa keenyaa Isa waaqa irra jiraattuu, waan Ati nuuf kennite hundumaaf karaa Gooftaa keenyaa Yesus Kristos Isa Sii fi Hafuura Qulqulluu wajjin baraa hamma bara baraatti jiraatuu fi mo’uutiin Si galateffanna. Ameen.