Abboomota Kurnan
Geggeessaan maatii karaa salphaa ta’een maatii isaa barsiisuu qaba
Abboomii Duraa
Ani Waaqayyo Gooftaa keeti, waaqayyoolii biraa Ana cinatti hin qabaatin.
Kun maal jechuu dha? Nuyi waan hundumaa irra Waaqayyoon sodaachuun, jaallachuu fi amanachuun nuuf ta’a.
Abboommii Lammaffaa
Maqaa Waaqayyo Gooftaa keetii akkasumaan hin dha’in; Waaqayyo maqaa Isaa akkasumaan kan dha’an utuu hin jiilchin hin dhiisu’oo.
Kun maal jechuu dha? Waaqayyoon sodaachuu fi jaallachuun nuuf ta’a. Maqaa Isaatiin akka hin abaarre, qorichas akka namatti hin goone, sobas akka hin dubbatne, akka hin gowwoomsines. Gidiraa keenya hundumaatti akka Isa waammannu; akka Isa kadhannus, akka ulfina Isaaf laannu, akka galateeffannus malee.
Abboommii Sadaffaa
Isa qulqulleessuudhaan guyyaa Sanbataa yaadadhu.
Kun maal jechuu dha? Waaqayyoon sodaachuu fi jaallachuun nuuf ta’a. Lallabaa fi dubbii Isaa akka hin tuffatne, akka ulfina laannuuf, gammachuudhaanis akka dhageenyu, akka barrus malee.
Abboommii Afuraffaa
Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni! Gaarii siif haa ta’uuf, barri kees lafa irratti haa dheeratuuf.
Kun maal jechuu dha? Waaqayyoon sodaachuu fi jaallachuun nuuf ta’a. Abboota keeayaa fi haadhota keenya, geggeessitoota keenyas akka hin tuffanne, akka isaan hin aarsines. Ulfina isaaniif kennuu, isaaniif hojjechuu, isaaniif abboomamuu, isaan jaallachuus malee.
Abboommii Shanaffaa
Hin Ajjeesin!
Kun maal jechuu dha? Waaqayyoon sodaachuu fi jaallachuun nuuf ta’a. Jireenya hiriyaa keenyaa akka hin miine, yookiis akka hin balleessine, gidiraa jireenya isaa hundumaatti akka gargaarru malee.
Abboommii Ja’affaa
Hin Ejjin!
Kun maal jechuudha? Waaqayyoon sodaachuu fi jaallachuun nuuf ta’a. Waan dubbannuu fi waan hojjennu hundumaatti, of eeggachuudhaa fi qullaa’ummaatti akka jiraannu; abbaan manaa fi haati manaa wal-jaallatanii, ulfinas akka waliif kennan.
Abboommii Torbaffaa
Hin Hatin!
Kun maal jechuudha? Waaqayyoon sodaachuu fi jaallachuun nuuf ta’a. Kan hiriyaa keenyaa qarshiidhaa fi qabeenya akka hin hanne, yookiis mi’a gowwoomsaatiin, yookiis bittaa fi gurgurtaa sossobbaatiin gara keenyatti akka hin dabarfanne, garuu qabeenyaa isaatii fi soora isaatti akka isa gargaarru, akka baay’ifnuuf, akka eegnuufis malee.
Abboommii Saddeettaffaa
Hiriyaa kee irratti sobaan dhugaa hin ba’in!
Kun maal jechuu dha? Waaqayyoon sodaachuu fi jaallachuun nuuf ta’a. Waa’ee hiriyaa keenyaa soba akka hin dubbanne, dhoksaa isaas akka duraa hin mul’ifne, akka hin tuffannes, yookiis maqaa isaa akka hin balleessine, garuu akka gargaarru, waa’ee isaa gaarii akka dubbannuu fi waan hundumaas gara gaariitti akka hiiknuuf malee.
Abboommii Saglaffaa
Mana hiriyaa keetii hin kajeelin!
Kun maal jechuu dha? Waaqayyoon sodaachuu fi jaallachuun nuuf ta’a. Hiriyaa keenya haxxummaadhaan gowwoomsinee dhaala isaa, yookiis qabeenyaa isaa duraa fudhachuu akka hin yaalle. Seeraa fi murtii duukaa kan buunu fakkaannee, soba dhugaa fakkaatuunis gara keenyatti akka hin dabarfanne. Kan isaa kan ta’e hundinuu isa harkatti akka hafan gargaarree akka hojjennuuf malee.
Abboommii Kurnaffaa
Haadha manaa (abbaa manaa) hiriyaa keetii, hojjetaa isaa, yookiis hojjettuu isaa, qotiyyoo yookiis harree isaa, yookiis wantoota kan isaa ta’an kamiin iyyuu hin kajeelin!
Kun maal jechuu dha? Waaqayyoon sodaachuu fi jaallachuun nuuf ta’a. Haadha manaa (abbaa manaa) hiriyaa keenyaa, hojjetoota isaa, horii isaas akka duraa hin sossobne, humnaanis akka harkaa hin baafne, yookiis garaa isaanii akka gargar hin baafne; garuu akka isaan isaaf jiraatanii waan isaaf ta’us akka hojjetan gorsuu qabna.
(Barreeffamni abboommiiwwan kanaa, Seera Ba’uu 20:3, 7, 8, 12-17 keessaa fuudhame)
Xumura Abboommiiwwanii
Waaqayyo waa’ee abboommiiwwan kana hundumaa maal jedha?
Akkana jedha, “Ani Waaqayyo Gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha; cubbuu abbootaa hamma dhaloota sadii, hamma dhaloota afuriittis harka ijoollee warra Na jibbanii keessaa nan barbaada. Dhaloota warra Na jaallatanii abboommii Koo eeganiitti garuu, kumaatama isaaniitti gaarummaa Koo nan argisiisa” (Ba’uu 20:5-6).
Kun maal jechuu dha? Waaqayyo warra abboommiiwwan kana cabsan akka adabu in doorsisa. Kanaafuu, nuyi dheekkamsa Isaa sodaachuu qabna malee, faallaa abboommiiwwan kanneenii homaa iyyuu raawwachuu hin qabnu. Warra abboommiiwwan kanneen eegan hundumaaf garuu ayyaanaa fi eebba kennuufiidhaaf abdachiisa. Kanaaf, Isa jaallachuudhaa fi amanachuudhaan wantoota Inni nu abboomu gammachuudhaan raawwachuu qabna.