Barsiisa Kristaanaa (Kateekismoos) Isa Xiqqaa

Qopheessaan: Dr. Maartiin Luuter

Kadhata Gooftaa

Kadhata Gooftaa

Geggeessaan maatii karaa salphaa ta’een maatii isaa barsiisuu qaba

Yaa Abbaa keenyyaa, isa waaqa irra jiraattuu! Maqaan Kee haa qulqullaa’u! Mootummaan Kee haa dhufu, jaalalli Kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u! Soora har’aa bor nu barbaachisu guyyuma guyyaan nuuf kenni! Cubbuu keenyas nuuf dhiisi, nuyis immoo warra nu yakkan hundumaaf in dhiifna; qoramattis nu hin galchin,hamaa nu oolchi malee. Mootummaan kan Keeti’oo, humnis, galannis, bara baraan, Ameen.

Seensa

Yaa Abbaa keenyaa, Isa waaqa irra jiraattuu

Kana jechuun maal jechuu dha? Jechoota kanaan Waaqayyo dhugumaan Abbaa keenya ta’uu Isaa, nuyis dhugumaan ijoollee Isaa ta’uu keenya akka amannu nu afeera. Kunis akka ijoollee jaallatamoo abbaa isaanii jaallatamaa waan barbaachisu gaafataniitti, nuyis ija-jabummaa fi garaa guutuudhaan akka Isa kadhannuufii dha.

Kadhata Jalqabaa

Maqaan Kee haa qulqullaa’u.

Kana jechuun maal jechuu dha? Maqaan Waaqayyoo ofii isaatiin iyyuu dhugumatti qulqulluu dha. Nuyi garuu kadhata kana keessatti akka inni nu birattis qulqulluu ta’ee eegamu kadhanna.

Maqaan Waaqayyoo attamitti qulqulluu ta’ee eegama? Maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee kan eegamu yommuu dubbiin Waaqayyoo utuu hin boora’in dhugaatti barsiifamu, akkasumas nuyi akka ijoollee Waaqayyootti yommuu dubbii Waaqayyootiin jiraannuu dha. Yaa Abbaa keenya isa waaqa irra jiraattuu kana gochuuf nu gargaari. Garuu namni wanta Dubbii Waaqayyootiin mormu barsiisuu fi akka sanatti jiraatu maqaa Waaqayyoo nu gidduutti xureessa. Yaa Abbaa keenya isa waaqa irraa, kana irraa nu eegi.

Kadhata Isa Lammaffaa

Mootummaan Kee haa dhufu.

Kana jechuun maal jechuu dha? Mootummaan Waaqayyoo utuu nuyi hin kadhatin ofuma isaatii in dhufa, kadhata kana keessatti garuu gara keenyas akka dhuufuuf kadhanna.

Mootummaan Waaqayyoo attamitti dhufa? Mootummaan Waaqayyoo yommuu Abbaan keenya Inni waaqa irraa ayyaana Isaatiin dubbii Isaa isa qulqulluu akka amannuuf, as lafa irrattii fi jireenya isa bara baraa keessatti Waaqayyoon sodaachaa akka jiraannuuf Hafuura Qulqulluu yoo nuuf kenne ta’a.

Kadhata Isa Sadafaa

Jaalalli Kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma lafa irratti haa ta’u.

Kana jechuun maal jechuu dha? Jaalalli Waaqayyoo inni gaarii fi araara-qabeessa ta’e utuu nuyi hin kadhatin iyyuu in ta’a; nuyi garuu kadhata kana keessatti akka inni nu gidduuttis ta’u kadhanna.

Jaalalli Waaqayyoo attamitti ta’a? Jaalalli Waaqayyoo kan inni ta’u yommuu Waaqayyo kanneen akka nuyi maqaa Isaa qulqullaa’aa taasisnee hin eegnee fi mootummaan Isaa akka dhufu hin barbaadan, hamaa isa ta’e akeeka fi kaayyoo seexanaa hundumaa, akeeka biyya lafaa fi amala cubbuu isa nu keessaa cabsuu fi ittisuu dha. Akkasumas yommuu Waaqayyo dubbii Isaa fi amantiitti cimsee hamma dhuma bara jireenya keenyaatti nu dhaabuu dha.

Kun jaalala Waaqayyoo isa gaarii fi araaraan guutee dha.

Kadhata Isa Afuraffaa

Soora har’aa-bor nu barbaachisu har’a nuuf kenni!

Kana jechuun maal jechuu dha? Waaqayyo utuu nuyi hin kadhatin iyyuu namoota hundumaaf, namoonni hamoonn illee utuu hin hafin, dhugumatti soora isaanii guyyuma-guyyaatti in kennaaf. Garuu kadhata kana keessatti Waaqayyo akka nuuf kennu hubannee soora keenya kan guyyuma-guyyaa galataan akka fudhannuuf geggeessaa Waaqayyoo kadhanna.

Soora har’aa-borii jechuun maal jechuu dha? Soora har’aa-borii yommuu jennu wantoota deggersaa fi fedhii qaama keenyaaf nu barbaachisan hundumaa - nyaata, dhugaatii, uffata, kophee, mana, qe’ee, lafa, horii, maallaqa, mi’oota, abbaa manaa/haadha manaa amantiitti dammaqoo, ijoollota amantiitti dammaqoo, hojjetoota amantiitti dammaqoo, bulchitoota amantiitti dammaqoo fi amanamoo ta’an, bulchiisa gaarii, haala qilleensaa gaarii, nagaa, fayyaa, of to’achuu, maqaa gaarii, hiriyyoota gaggaarii, olloota amanamoo, fi kan kana fakkaatanii dha.

Kadhata Isa Shanaffaa

Yakka keenya nuuf dhiisi, nuyis immoo warra nu yakkaniif akkuma dhiifnu.

Kana jechuun maal jechuu dha? Kadhata kana keessatti Abbaan keenya in waaqa irraa cubbuu keenya akka nutti hin lakkoofne, yookiin waa’ee cubbuu keenyaaf kadhata keenya akka hin didne kadhanna. Wantoota kadhannu kadhachuudhaaf nuyi nama kanaa miti, yookiin kun kan nuuf ta’u miti, garuu Waaqayyo gaarummaa Isaatiin waan hundumaa nuuf kenna, sababiin isaas nuyi guyyuma-guyyaatti cubbuu baay’ee hojjenna waan ta’eef, adaba irraa kan hafe waan tokko iyyuu argachuun kan nuuf ta’u miti. Kanaaf nuyis warra nu yakkaniif dhugumatti dhiifama gooneefii waan gaariis gochuufii dha.

Kadhata Isa Ja’affaa

Qoramatti nu hin galchin

Kun maal jechuu dha? Waaqayyo nama tokko illee hin qoru. Garuu kadhataa kanaan in kadhanna, Waaqayyo nu eegee nu haa oofkalchuuf; seexanni, biyyi lafaa, foon keenyas akka nu hin sossobne, akka nu hin wallaalchifnes. Amantii mamuutti, abdii kutachuutti, kan biraa hammeenyaa fi yeellootti akka nu hin galchine. Isaanis yoo nu qoran jabaannee akka isaan lollu, akka isaan moonuufis kadhanna.

Kadhata Isa Torbaffaa

Hamaa nu oolchi malee

Kun maal jechuu dha? Kadhata isa xumuraa kana kan kadhannuuf, waaqa irra kan jiraatu Abbaan keenya foonii fi lubbuu, horiidhaa fi ulfina keenya kan miidhu kan garaa garaa waan hamaa hundumaattii akka nu oolchu; gara dhuma jireenya keenyaattis yeroon keenya yommuu ga’u dhuma gaarii akka nuuf kennu, araara Isaatiinis laga boo’ichaa kana keessaa gara Isaa gara waaqaatti akka nu fudhatuuf kadhana.

Xumura Kadhatichaa

Mootummaan kan Keeti’oo, humnis, galatnis, baruma baraan. Ameen.*

Kun maal jechuu dha? Waaqa irra kan jiraatu Abbaa biratti kadhati kun jaallatamee akka dhaga’ame ani utuun hin mamin nan beeka. Akkana akka kadhannu Isatu nu abboome, akka nuuf dhaga’us nu abdachiise. Ameen, Ameen, jechuun eeyyee, eeyyee, kun akkana haa ta’u jechuu dha.

*Jechooti kun Kateekismoos isa xiqqaa kan Luuter keessa hin jiran.