Dhoksaa Cuuphaa Qulqulluu
Geggeessaan maatii karaa salphaa ta’een maatii isaa barsiisuu qaba
Tokkoffaa
Cuuphaan maali?
Cuuphaan bishaan duwwaadhaan miti, bishaan abboommii Waaqayyootiin qabamee dubbii Waaqayyootiinis makame malee.
Dubbiin Waaqayyoo kun maali?
Yesus Kristos Gooftaan keenya Wangeela Maatewos boqonnaa isa xumuraa keessatti, “Egaa dhaqaa, maqaa Abbaatii fi Ilmaatti kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bortoota koo godhaa!” jedha (Mat 28:19).
Lammaffaa
Cuuphaan maaliif, yookiis maal waa’ee baasa?
Cuuphaan dhiifamuu cubbuutiif hojjetee, du’aa fi seexana irraa nama in oolcha. Dubbiin Waaqayyoo fi abdachiisuun Isaa akka jedhutti kan amanan hundumaafuu fayyummaa bara baraa in kenna.
Dubbiin Waaqayyoo fi abdachiisuun Isaa kun maali?
Yesus Kristos Gooftaan keenya Wangeela Maarqos boqonnaa isa xumuraa keessatti, “Nammi amane namni cuuphames in fayya; namni hin amanne garuu itti in faradama (murtaa’a)” jedha (Mar 16:16).
Sadaffaa
Bishaan attamitti waan guddaa akkasii hojjechuu danda’a?
Dhugumaan bishaan qofaa miti, dubbiin Waaqayyoo bishaanicha keessa bishaanichaa wajjin ta’ee, amantii dubbii Waaqayyoo bishaanicha keessa jiru irratti qabnu dabalatee kana hojjeta. Dubbii Waaqayyootiin ala bishaanni bishaanuma waan ta’eef cuuphaa ta’uu hin danda’u. Dubbiin Waaqayyoo yoo itti dabalame garuu cuuphaa qulqulluu ta’a. Kana jechuun, bishaan jireenya kennu, ayyaana Waaqayyootiin kan guute, fi dhiqannaa Hafuura Qulqulluutiin lammaffaa haaraatti dhalachuu fidu ta’a. Phaawuloos qulqulluun Tiitoos boqonnaa sadii keessatti akkana jedha: “Waaqayyo hojii nuyi qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin ta’in, akka araara Isaatiitti dhiqannaa lammaffaa dhalachuutiin, haaressuu Hafuura Qulqulluutiinis nu fayyise. Hafuurichis isa Inni karaa Yesus Kristos Fayyisaa keenyaa arjummaadhaan nu irratti dhangalaasee dha. Waaqayyo, ayyaana Kristosiin qajeelotatti lakkaa’amnee, abdiidhaan jireenya bara baraa akka argannuuf kana nuuf godhe. Dubbiin kun amanamaa dha” (Tit 3:5-8).
Afuraffaa
Bishaaniin cuuphuun kun maalitti hiikama?
Hiikaan isaa kana: nu keessa kan jiru namummaan moofaan gaafa hundumaa gaabbuudhaa fi qalbii jijjiirrachuudhaan haa balleeffamu, cubbuudhaa fi hawwii hamaa hundumaa wajjin haa du’u, akkanuma immoo gaafa hundaa kan qajeelummaadhaa fi qullaa’ummaadhaan Waaqayyo dura bara baraan jiraatu namummaan haaraan ka’ee ol haa ba’uuf.
Kun eessatti barreeffame?
Phaawulos qulqulluun ergaa isaa gara warra Roomaa boqonnaa ja’a keessatti akkana jedha, “Nuyi cuuphamuudhaan du’a Isaatti Isatti dabalamnee Isaa wajjin awwaalamneerra; Kristos humna Abbaa Isa ulfina-qabeessaan warra du’an keessaa akkuma kaafame, nus immoo jireenya haaraatti in jiraanna” (Roomaa 6:4).