Itti Gaafatamummaa Hojii (Tajaajilaa)
Kutaalee Macaafa Qulqulluu baay’een toorawwan hojii qulqullaa’oo fi taa’itaa garaa waa’ee hojii isaanii fi itti gaafatama isaanii kan ibsan akka kanatti fufee jirutti ilaalla.
Ilaaltuu Hojii Waldaa Kristaanaa, Luboota, fi Lallaboota
Ilaaltuun hojii Waldaa Kristaanaa waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama haadha manaa tokkittii, nama dhugaatiitti of hin ganne, nama of qabu, nama ulfinaa, nama keessummoota jaallatu, nama wara kaan barsiisuu danda’us ta’uun isa irra jira;nama garraamii, naga-qabeessas malee, nama machaa’aa, nama lola jaallatus hin ta’in! Nama horii jaallatus hin ta’in! Nama warra mana isaa ba’eessa godhee bulchu, ijoollee isaas ulfina hundumaan abboomamuuf kan guddisu, ta’uun isa irra jira (1Ximotewos 3:2-4).
Of jajuudhaan afuufamee, firdii (murtii) isa kanaan dura seexanatti faradame (murtaa’etti) akka hin kufnetti, nama dhi’oo amane hin ta’in (1Ximotewos 3:6).
Barsiisa sirrii sanaan gorsuu, warra isaan mormanitti immoo balleessaa isaanii itti mul’isuu akka danda’utti, akka barsiisicha ofii fudhateetti dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatee qabamuun isa irra jira (Tiitoos 1:9).
Amantoonni Luboota isaaniif gochuu kan qaban:
Akkasuma immoo warri Wangeela labsan waan ittiin jiraatan wangeelichumaan akka argatan Gooftichi abboomeera (1Qor. 9:14).
Namni dubbii wangeelaa baruutti jiru wanta gaarii ofii isaatii qabu hundumaa barsiisaa isaa wajjin haa hirmaatu. Waaqayyo kan itti ga’isan miti’o, hin gowwoominaa! Namni immoo waanuma facaase in galfata (Galaatiyaa 6:6-7).
Maanguddoonni warri ba’eessa godhanii hojii waldaa geggeessan, addumaan immoo warri lallabaa fi barsiisatti dadhabanii hojjetan, gatii dadhabbii isaanii dachaa lama ulfinaan argachuun isaaniif in ta’a. Caaffanni qulqullaa’aan, “Qotiyyoo sirbisiisuu irra jiru afaan isaa hin hidhin! In jedha; akkasumas, “Hojjetaan gatii dadhabbii isaa argachuun in ta’aaf ” kan jedhu barsiifameera (1Ximotewos 5:17-18).
Obboloota nana, warra isin gidduutti hojiitti dadhaban, karaa Gooftaas warra isin geggeessanii fi isin gorsan ulfinaan akka ilaaltan isin in kadhanna. Sababii hojii isaaniitiifis herregaa jaalalaatiin baay’ee ol isaan qabaa; walii keessan gidduuttis nagaa qabaadhaa (1Tasaloniiqee 5:12-13)!
Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan gadhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti (Ibroota 13:17).
Bulchiisa Mootummaatiif
Namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif haa abboomamu! Fedha Waaqayyoo malee aboo qabachuun hin danda’amu; warra aboo qabatanis Waaqayyotu achi isaan dhaabe. Kanaaf namni aboo kanaaf abboomamuu didu, waan Waaqayyo dhaabeen in morma; warri kana godhanis firdii (murtii) of irratti in fidu. Namoota waan gadhee hojjetan malee, namoonni gaarii hojjetan warra biyya seerratan hin sodaatan. Egaa atis aboo isaanii akka hin sodaanne godhachuu in barbaaddaa? Yoos waan gaarii hojjedhu! Akkasitti warra aboo qaban biraa galata in argatta. Isaan kun waan gaarii hojjechiisuudhaaf Waaqayyo biraa siif kennaman. Ati waan hamaa yoo hojjette garuu, isaan sodaadhu! Isaan nama hamaa hojjetu irratti adaba Waaqayyoo raawwachuudhaaf malee, billaa isa ittiin adabuudhaaf itti kenname sana akkasumaan hin baatan (Roomaa 13:1-4).
Lammiileef
Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa (Maatewos 22:21).
Kanaafis, namni adaba Waaqayyoo duwwaaf utuu hin ta’in, yaada garaa isaa ciibsachuuf abboomamuun in ta’a. Isinis kanaaf gibira baaftu, warri aboo qaban kunis yeroo kana raawwachuudhaaf dhaabatanitti Waaqayyoof hojjechuu isaanii ti. Egaa hundumaaf waan isaan isin irraa argachuuf malan, baasaaf; isa gibirri isaaf ta’uuf gibira, isa qaraxi isaaf ta’uuf qaraxa, isa sodaatamuun isaaf ta’uuf sodaatamuu, isa ulfinni isaaf ta’uuf ulfina kennaaf! (Roomaa 13:5-7)
Amma waan hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun, galata dhi’eessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamuuf nan gorsa. Nagaatti gabiitti akka namoota Waaqayyootti jireenya ulfina qabu jiraachuu akka dandeenyuuf, moototaaf, biyya bulchuu keessatti warra aboo qaban hundumaafis akkasuma godhaa! Kun gaariidha, fuula Waaqayyoo fayyisaa keenyaa durattis fudhatamaa dha (1Ximotewos 2:1-3).
Harka warra biyya bulchanii fi warra aboo qabanii jala of galchuu, abboomamuu fi hojii gaarii hojjechuufis qophaa’oo ta’uu isaan yaadachiisi! (Tiitoos 3:1).
Gooftaadhaaf jedhaatii harka warra aboon kennameefii jala of galchaa, mootii isa hundumaa irratti aboo qabuuf abboomamaa! Warra abboota biyyaa ta’anii namoota waan jal’aa hojjetan adabuuf, namoota waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffachuuf isa biraa ergamaniifis abboomamaa (1Phexros 2:13-14)!
Abbaa Manootiif
Akkasuma isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa! Walii wajjin jireenya isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirtaniif, kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti, dubartii keessan akka gar tokkoo dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf (1 Phexros 3:7)!
Atis abbaan manaa, haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin! (Qolosaayis 3:19).
Haadha Manootiif
Haati manaa akkuma Gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu (Efesoon 5:22)!
Bara duriitti dubartootni Waaqayyoof qulqullaa’anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomammuudhaan of kuulaa turan. Saaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin gaarii yoo gootan, doorsisa tokkos hin sodaattan yoo ta’e, ijoollee ishee ta’uu keessan (1Phexros 3:5-6).
Warraaf
Isin immo abboota nana! Adabaa fi barsiisa Gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa! (Efesoon 6:4)
Ijoollotaaf
Ijoolle! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun Gooftaa duratti qajeelaa dha. Abboommiin inni duraa abdii wajjin kenname, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!” isa jedhuu dha. Abdichis, “Gaarii akka siif ta’utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti” jedha (Efesoon 6:1-3).
Hojjetoota Kamiif Iyyuu
Isin warri gabrummaa jala jirtan! Biyya lafaa kana irratti warra isin hojjechiifataniif sodaadhaa fi rom’aan, akka waan Kristosiif hojjettaniitti garaa qulqulluudhaan abboomamaaf! Akka isa nama gammachiisuuf ija ilaallattanii hojjettanii utuu hin ta’in, akka hojjetoota Kristositti garaa guutuudhaan jaalala Waaqayyoo raawwadhaa! Akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin ta’in, akka waan Gooftaadhaaf hojjettaniitti gammachundhaan hojjedhaa! Eenyu illee, garbichas ta’u birmaduus ta’u, hojii gaarii isa hojjeteef Gooftaa biraa gatii isaa akka fudhatu beekaa (Efesoon 6:5-8)!
Hojjechiistotaa fi To’attootaaf
Isin warri hojjechiifattanis hojjetoota keessaniif akkasuma godhaa! Doorsisas dhiisaa! Gooftaan Inni waaqa irra jiru isaaniif, isiniifis Gooftaa dha; Isa bira immoo nama wal caalchisuun akka hin jirre beekaa (Efesoon 6:9).
Dargaggootaaf
Akkasuma isin warri gara ijoollee, maanguddootaaf abboomamaa! Hundumti keessanis gad of deebisuu akkuma uffctaatti uffadhaatii, walii keessanii wajjin jiraadhaa! Caaffanni (Barreeffamni) qulqullaa’aan, “Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in kenna” in jedha. Kanaafis Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga’u akka ol isin qabutti, harka Isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa (1Phexros 5:5-6)!
Ishee abbaan manaa irraa du’eef (Gursummaaf)
Isheen dhugumaan abbaan manaa irraa du’ee, nama gargaaru malee hafte, abdii ishee Waaqayyo irra kaa’atteetti, halkanis guyyaas himataa fi kadhata itti in fufti. Isheen abbaan manaa irraa duunaan qananiitti of gad dhiifte garuu, fayyaatti utuma jirtuu iyyuu duutuu dha (1Ximotewos 5:5-6).
Nama Hundumaaf
Abboommonni … “Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!” jechuun in xumuramu (Roomaa 13:9).
Amma waan hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun, galata dhi’eessuunis … nama hundumaaf akka godhamuuf nan gorsa (1Ximotewos 2:1).
Namni hundumtuu adduma addaan barumsa isa ilaallatu eeggannaadhaan haa baratu, msseensonni maatiis hundumtuu akka ta’utti itti haa jiraatan.